MACAAFA FAARFANNAA 2:1-12 GAZB1997 - Bible AI

1Sabni biyya lafaa maaliif raafaman? Namoonnis maaliif akkasumaan itti koratan*?

2Waaqayyoon, isa inni dibee moosiseenis mormuudhaaf, mootonni lafa irraa in ka'u, warri biyya seerratanis walii wajjin taa'anii in mari'atu*.

3Isaan, ?Kottaa hidhaa isaanii of irraa in cabsinaa! Funyoo isaaniis of irraa in darbannaa!? in jedhu*.

4Inni bantiiwwan waaqaa gara irraa taa'u itti in kolfa, gooftichi isaanitti in ga'isa*.[2]

5Kana booddee gooftichi aarii isaatiin isaanitti in dubbata, dheekkamsa isaatiinis isaan in naasisa*;

6itti fufees, ?Ani mootii isa kan kootii immoo Xiyoon tulluu koo isa qulqulluu irra teessiseera? in jedha*.

7Ani mootichi seerrata Waaqayyoo himuufan jira, inni anaan, ?Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche*;

8ana kadhadhu, anis saba hundumaa kan kee akka godhattuuf, laftis hamma andaara isaatti qabeenya kee akka ta'uuf siif nan kenna*;

9ati ulee sibiilaatiin isaan in cabsita, akka qodaa suphees isaan in hurreessita? jedhe*.[3]

10Kanaaf isin mootota nana qalbii godhadhaa! Isin warri biyya lafaa seerratanis gorfamaa!

11Sodaadhaan Waaqayyoof hojjedhaa! Rom'aanis miilla isaa dhungadhaa*!

12Kanaa achi inni in dheekkama, isinis karaa kanatti baduu keessan; dheekkamsi isaa dafee in boba'ao! Warri isatti kooluu galan haa gammadan![4]

icle>