MACAAFA FAARFANNAA 21:1-13 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo, mootiin humna ati argisiiftutti in gammada, mo'icha akka inni argatuuf gargaaruu keetiif gammachuu guddaa attamii in qabaata!

2Hawwa garaa isaa isaaf kenniteetta, waan inni sitti himates isa hin dhowwanne*!

3Ati waan gaariidhaan isa eebbisuuf gara isaa dhufteetta, gonfoo warqee qullaa'aa irraa hojjetames mataa isaa irra keesseetta.[61]

4Inni jiraachuudhaaf si kadhate, atis jireenya in laatteef, guyyoota jireenya isaas baraa hamma bara baraatti dheeressiteef*.

5Mo'icha akka inni argatuuf gargaaruu keetiin ulfinni isaa guddaa ta'e; surraa fi simboos isa irra in keesse.

6Inni yeroo hundumaaf eebba akka ta'uuf isa in dhaabda, dhageettii gammachuu si duratti argamuudhaan dhufuunis isa in gammachiifta.

7Mootichi Waaqayyoon in amanata, gaarummaan aabbaas akka inni hin mittiqne in godha.[62]

8Harki kee diinota kee hundumaa bira in ga'a, harki kee mirgaas warra si jibban bira in ga'a.

9Yeroo ofii kee argisiiftutti gubaa akka iddoo ibiddaa isaan in goota; Waaqayyo dheekkamsa isaatiin isaan in fixa, ibiddis xaph isaan in godha.

10Ati dhala isaanii lafa irraa, sanyii isaaniis ilmaan namootaa keessaa in balleessita;

11hamaa yoo si irratti yaadan, yoo si irratti koratanis, fiixaan baafachuu hin danda'an*.

12Atoo fuula duraan iddaa kee isaanitti in qabda, dugda duuba deebi'anii akka baqatanis in goota.[63]

13Yaa Waaqayyo aangoo keetiin ka'i! Nuyi humna kee in faarfanna, mi'a garaa garaatiinis faarfannaa in dhageessifna.

ticle>