1Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu*!
2Inni marga lalisaa keessa akkan boqodhu in godha, gara laga itti aara galfataniittis na geessa*;
3inni lubbuu anatti in deebisa, maqaa isaatiif jedhee daandii qajeelaa irra na geggeessa.
4Ani bowwaa dukkanaa'aa sodaachisaa[72] keessa yoon adeeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati anaa wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabbanni kee ana in jajjabeessu*.[73]
5Utuma warri na cunqursan ilaalanii, ati maaddii anaaf in dhi'eessita mataa koos dhadhaa ejersaa in dibda, xoofoon koos guutee irra in dhangala'a*;
6eyyee, bara jireenya koo hundumaatti gaarummaan kee fi arjummaan kee ana duukaa in bu'u; guyyoota kana hundumaafis mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha*.[74]