MACAAFA FAARFANNAA 24:1-10 GAZB1997 - Bible AI

1Lafichi, wanti laficha guutes hundinuu kan Waaqayyoo ti, biyyi lafaa fi warri isa keessa jiraatanis kan isaa ti*;

2inni galaana irra hundee isaa kaa'eera, bishaan irras jabeessee dhaabeera*.[75]

3Gara tulluu Waaqayyootti ol ba'uun kan ta'uuf eenyu? Iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessas dhaabachuun kan ta'uuf eenyu?

4Isa harki isaa hin xuraa'in, garaan isaas qullaa'aa ta'e, isa yaada isaa wanta sobaa duukaa hin kaafne, isa sobaan hin kakannee dhas.

5Inni Waaqayyo biraa eebba, gooftaa isaa, fayyisaa isaa biraas dhugaa in argata*.

6Dhaloonni Waaqayyoon barbaaddatan kun warra akkasii ti; yaa Waaqayyo isa kan Yaaqoob, warri fuula kee arguu fedhan isaanuma kana.[76]

7Mootiin ulfinaa kun eenyu inni? Isin yaa mata-duree balbala kellootaa, ol banamaa! Isin yaa balbaloota durii durii, ol qabamaa*!

8Mootiin ulfinaa kun eenyu inni? Waaqayyo isa jabaa aango-qabeessa, Waaqayyo isa duulattis aangoo qabuu dha.

9Mootiin ulfinaa akka ol galutti, isin yaa mata-duree balbala kellootaa, ol banamaa! Isin yaa balbaloota durii durii, ol qabamaa!

10Mootiin ulfinaa kun eenyu inni? Inni Waaqayyo gooftaa maccaa ti, isa mootiin ulfinaa![77]

ticle>