MACAAFA FAARFANNAA 26:1-12 GAZB1997 - Bible AI

1Ani balleessaa tokko malee deddeebi'eera, amanannaa hin raafamnes Waaqayyo irra kaa'adheera, yaa Waaqayyo, ati dhugaa koo anaaf baasi*!

2Yaa Waaqayyo, qorii na ilaali, yaada koo fi garaa koo ati fonqolchi*![83]

3Gaarummaan kee ija koo dura jira, siif amanamuudhaanis nan deddeebi'e.

4Ani namoota sobduu wajjin tarree hin teenye, warra haxxee wajjinis hidhata hin taane.

5Ani walga'ii warra hamaa godhanii nan jibbe, warra jal'ootaa wajjinis hin teenye.

6Yakka sababiin hin qabneef, harka koo nan dhiqadha, iddoo aarsaa kee nan naanna'a, yaa Waaqayyo*!

7Faarfannaa galataa guddisee faarfachaa, gochaa kee isa dinqisiisaa hundumaa nan hima.

8Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu, iddoo ulfinni kee buufatus ani nan jaalladha*.[84]

9Lubbuu koo kan warra cubbamootaa wajjin hin fuudhin, warra dhiiga namaa dhangalaasanii wajjinis jireenya koo hin balleessin!

10Harka warra akkasii keessa akeeki hamaa hojjechuu jira, harka isaanii mirgaa keessa immoo gabbarsuutu guute.

11Ani garuu balleessaa malee nan deddeebi'a, yaa Waaqayyo, ati na furi, anatti araaramis!

12Miilli koo lafa wal qixxee irra qajeelee in dhaabata, walga'ii keessattis Waaqayyoon nan jajadha*![85]

ticle>