2Warri hamaa hojjetanana nyaachuuf yommuu anatti dhi'aatan,warri na cunqursanii fi warri diina kootiiana irratti yommuu ka'an,ofuma isaaniitii gufatanii in kufu.[86]
3Duulli na marsee yoo buufate iyyuu,garaan koo hin sodaatu;lolli yoo anatti ka'e iyyuu, ani hin shakku*.
4Ani Waaqayyoon waan tokkicha nan kadhadha,isas argachuu nan barbaada;innis, bara jireenya koo hundumaamana Waaqayyoo keessa jiraachuu,gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu,mana qulqullummaa isaa keessattis isa yaadachuu dha*.
5Inni guyyaa wanti hamaan ana irra ga'uttimana isaa keessa na kaa'ata,suuqa godoo isaa keessa na dhoksa,nagaattis kattaatti ol na baasa*.
6Ammas diinota naannoo koo jiran irrattimataan koo ol in jedha,anis sagalee gammachuu dhageessisaa,godoo isaa keessatti qalma nan dhi'eessa;faarfannaadhaan Waaqayyoon nan faarfadha,sagalee mi'a faarfannaa garaa garaas nan dhageessisa.[87]
7Yaa Waaqayyo,sagalee ani ittiin si waammadhu anaaf dhaga'i!Araara anatti argisiisi,kadhata koos anaaf dhaggeeffadhu!
8Ati, ?Fuula koo barbaaddadhu!? akka jette,yaadni garaa koo anatti in hima;ammas ani fuula kee nan barbaaddadha, yaa Waaqayyo*.
9Fuula kee ana duraa hin dhoksin,garbicha kee dheekkamsaan of irraa hin deebisin!Ati gargaarsa anaaf taateetta;ana hin gatin, ana hin dhiisinis,yaa Waaqayyo fayyina ko!
10Abbaan koo fi haati koo yommuu na dhiisan,Waaqayyo immoo simee ana in fudhata.[88]
11Karaa kee na barsiisi, yaa Waaqayyo!Sababii warri adeemsa koo caqasan jiraniif,ati daandii qajeelaa irra na geggeessi*!
12Warri sobaan dhugaa ba'andubbii hamaa afaan isaanii keessaa gad jijjigsaaana irratti waan ka'aniif,fedha diinota kootiitti ana hin kennin*!