1Yaa Waaqayyo, si kattaa jabaa kootti nan iyyadha,ati ana jalaa hin didin!Akka warra boollatti gad bu'aniiakka ani hin taanetti,ati ana jalaa calluma hin jedhin!
2Harka koo mana qulqullummaa kee keessaagara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti,yeroon ol kaafadhusagalee himata kooisa ani gargaarsaaf sitti iyyadhu,anaaf dhaga'i!
3Warra jal'ootaa wajjin,warra hamaa godhanii wajjinis ana hin butin!Isaan garaa isaaniitti hamaa in yaadu,afaaniin immoo nagaa namatti in dubbatu.