3Sagaleen Waaqayyoo galaana irraa in dhaga'ama,Waaqayyo inni ulfina-qabeessi in kakawweessa'a;inni galaana gurguddaa irrattiswaaqayyummaa isaa in argisiisa.
4Sagaleen Waaqayyoo humnaan in dhaga'ama;sagaleen Waaqayyoo surraadhaan in sochoosa.
5Sagaleen Waaqayyoo muka gaatiraa in caccabsa;Waaqayyo muka gaatiraatulloota Libaanon in caccabsa.
6Inni tulloota Libaanon akka jabbii,tulluu Siiriyonisakka dibicha gafarsaa in burraaqsisa*.
7Sagaleen Waaqayyoo balaqqeessaakka ibiddaa in finiinsa;
8sagaleen Waaqayyoo lafa duwwaa in sochoosa,Waaqayyo lafa duwwaa isa kan Qaadesh in sochoosa.
9Sagaleen Waaqayyoo qilxuu of irra in naannessa,mukeetii caakkaa irraas baalaa fi damee in cira;mana qulqullummaa isaa keessatti immoohundinuu hooqubaa in dhi'eessu.[93]
10Waaqayyo bishaan badiisaa gara irraa iyyuu taa'eera;Waaqayyo bara baraan mootii ta'ee teessoo irra in taa'a*.
11Waaqayyo saba isaatiif jabina haa kennu;Waaqayyo saba isaa nagaadhaan haa eebbisu![94]