1Yaa Waaqayyo, diinonni koo attam baay'ee dha! Baay'een kan ana irratti ka'an jiru.
2Baay'een waa'ee koo in dubbatu, ?Inni Waaqayyo biraa gargaarsa hin qabu? in jedhu.
3Ati garuu yaa Waaqayyo, naannoo kootti gaachana anaaf in taata; ati ulfina koo ti, mataa koos ol ol in qabda*.
4Ani sagalee koo ol fuudheen Waaqayyoon waammadha, inni immoo tulluu isaa isa qulqulluu irraa deebii anaaf in kenna*.[5]
5Ani nan ciisa, nan rafa, Waaqayyo waan ol na qabuuf deebi'ee nan dammaqa*.
6Ani warra kumaatama ana irratti ka'anii na marsan hin sodaadhu*.[6]
7Ka'i yaa Waaqayyo, na gargaari yaa gooftaa ko! Ati diinota koo hundumaa mangaagaa in rukutta, ilkaan warra jal'ootaas in caccabsita*.
8Gargaarsi Waaqayyo bira jira; eebbi kee saba kee irra haa jiraatu![7]