MACAAFA FAARFANNAA 32:1-11 GAZB1997 - Bible AI

1Namni irra-daddarbaan isaa dhiifameef, cubbuun isaas deebi'ee akka hin argamne godhameef haa gammadu!

2Namni Waaqayyo yakka tokko illee irratti hin lakkoofne, yaada isaa keessas haxxummaan hin jirre haa gammadu*![106]

3Yeroon cubbuu koo himachuu dhiisetti, guyyaa guutuu aaduu kootiif namummaan koo gad dhume;

4guyyaa fi halkan harki kee waan anatti ulfaateef, humni koo akka waan ho'i bonaa rukutetti na keessatti in goge.

5Yommus ani cubbuu koo sitti nan himadhe, yakka koos ani hin dhoksine; ani, ?Irra-daddarbaa koo Waaqayyotti nan himadha? nan jedhe; ati immoo yakka cubbuu kootiif anatti murame anaaf dhiifte*.[107]

6Egaa namni siif of kenne hundinuu, yeroo rakkinaatti si barbaadee si haa kadhatus; yommus bishaan gurguddaan yeroo isatti huursanitti, isa bira hin ga'an.

7Ati anaaf golgaa koo ti, ati rakkina irraa ana in eegda; furuu keetiinis ililleen akka na marsu in goota.

8Waaqayyo, ?Waan gochuun siif ta'u sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif ta'u sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin to'adha*.

9Ati akka fardaa fi gaangoo warra waa hin hubanne hin ta'in! Luugamaa fi amartii isaatiin ofitti yoo harkifte malee, isaan sitti hin dhi'aatan? in jedha.[108]

10Dhiphinni warra jal'ootaa baay'ee dha, gaarummaan Waaqayyoo garuu nama isa amanatu in marsa.

11Isin qajeelota nana, Waaqayyotti gammadaa ililchaas! Isin warri gara-qajeelonnis, gammaduu keessan guddisaa dhageessisaa!

ticle>