9Yommus lubbuun koo Waaqayyotti gammachuu in qabaatti,gargaarsa inni anaaf godhettis in gammaddi;
10garaa koo guutuudhaan,?Ati isa gadadamaanama isa caalaa jabaatu harkaa,isa gad qabamaa fiisa wanta barbaachisaa dhabes,nama isa saamu harkaa in baafta;yaa Waaqayyo, kan akka keetii eenyu ree?? nan jedha*.[120]
11Dhuga-baatonni sobduunjal'inaan anatti ka'anii,gaaffiidhaan wanta ani hin beekneana irra in kaa'u*.
12Isa ani gaarii isaaniif godheefhamaa anaaf in deebisu;kopha-galeessas na godhan.
13Ani garuu yeroo isaan dhukkubsatan,uffata gaddaa nan uffadhe,soomuudhaan namummaa koo gad nan deebise,gara qoma kootti gad jedhees nan kadhadheef*;
14akka waan ani fira kootiifyookiis obboleessa kootiif gaddutti,akka nama haadha isaatiif boo'uttisani mataa buuseen gaddaa adeeme*.[121]
15Yeroo ani gufadhee kufettigammadanii anatti dacha'an,utuu ani itti hin yaadinisjecha isaaniitiin na madeessuuf anatti dacha'an,arrabaan na kukkutachuus gab hin goone;
16isaan warra Waaqayyo malee jiraatanii wajjinnyaataaf taa'anii in gai'su,ilkaan isaaniis anatti in qaratu.
17Yaa gooftaa, hamma yoomiitti akkasumatti ilaalta?Lubbuu tokkittii ani qabubadiisa isaan itti fidan jalaa,qabaa warra akka leenca saafelaaanatti gamu jalaas baasi!
18Yommus waldaa guddaa keessatti sin galateeffadha,saba baay'ee keessattis sin jajadha*.[122]
19Warri akkasumaan diina anatti ta'anana irratti hin gammadin;warri sababii malee na jibbanisana irratti ijaan wal hin tuqin!
20Isaanoo nagaa hin dubbatan,warra biyya keessa nagaadhaan jiraatan irrattisdubbii sobaa yaadanii in qopheessu;
21isaan, ?Baga, baga, iji keenya si arge!?jedhanii laagaa anatti banan.
22Yaa Waaqayyo, kana situ arge,calluma hin jedhin!Fagaattee na duraa hin hafin, yaa gooftaa!