17Irreen jal'ootaa in caccaba,warra qajeelota garuuWaaqayyo qabaa isaa keessatti in eega.[129]
18Waaqayyo bara jireenya warra balleessaa hin qabnee beekee,yaada jaalalaatiin duukaa in bu'a,wanti isaan itti darbaniiargachuuf jiraniskan isaanii ta'ee in hafa*;
19bara gadheetti hin yeella'an,bara beelaattis in quufu*.[130]
20Warri jal'oonni garuu badduu in ba'u;diinonni Waaqayyoo akka miidhagina margaa ti,akkuma aarri badu, isaanis in badu.
21Namni jal'aan in liqeeffata,danda'ee hin baasus;namni qajeelaan immoo arjaa dha, waan kennus qaba.
22Warri Waaqayyo eebbise lafa in qabaatu;warri inni abaare immoo lafa irraa in balleeffamu.
23Ejjennaan namaa inni Waaqayyo jabeessuisa biraa in ka'a;karaan isaa sunis gooftaatti in tola,
24Waaqayyo harka isaa qabee waan isa eeguuf,inni yoo kufe iyyuu, lafa hin ga'u*.[131]
26Inni yoom iyyuu in arjooma, in liqeessas,ijoolleen isaas eebbaaf in ta'u.[132]
27Wanta hamaa irraa fagaadhu, wanta gaarii hojjedhu!Yoos bara baraan nagaatti in teessa.
28Waaqayyo waan dhugaa ta'e in jaallata,warra isaaf of kennanis hin gatu;isaan bara baraan in eegamu,ijoolleen jal'ootaa immoo lafa irraa in balleeffamu.
29Warri qajeelonni biyya in qabaatu,yeroo hundumaafis keessa in taa'u*.[133]
30Afaan nama qajeelaa ogummaadhaan in dubbata,arrabni isaas waan dhugaa ta'e in hima;
31seerri Waaqayyo isaatii garaa isaa keessa jira,faanni isaas isa irraa hin mittiqu.
32Namni jal'aan riphee nama qajeelaa in eeggata,isa ajjeesuus in barbaada.
33Waaqayyo garuu harka isaatti isa hin kennu,yommuu namni itti faraduuf jedhusyakka itti hin mursiisu.
34Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu,karaa isaa irraa akka hin jal'annes eeggadhu!Biyya akka qabaattuuf ulfina siif in kenna,lafa irraa balleeffamuu warra jal'ootaasargitee in gammadda.