MACAAFA FAARFANNAA 39:1-13 GAZB1997 - Bible AI

1Ani, ?Arraba kootiin cubbuu akkan hin dubbannetti, lafan dhaqu hundumaatti of nan eeggadha; hamma namni jal'aan ana bira jirutti, akka ani hin dubbanne eeggachuufis afaan koo nan hidha? jedhe.

2Wanti gaariin ana irraa fagaate; ani akka nama arrabni isaa didee nan ta'e, waan tokkos hin dubbanne; dhukkubni koo inni na waraanu garuu caalaa anatti in dhaga'ame*.

3Garaan koo na gubate, yaada koo keessattis ibiddi anatti in qabate; kana irratti arrabni koo in dubbate.[140]

4?Yaa Waaqayyo, dhuma jireenya koo barri jireenya koos hammam akka ta'e na beeksisi; attam ariifadhee darbuuf akkan jirus na barsiisi*!?

5Kunoo, ati bara koo hamma taakkuu goote, barri jireenya koos fuula kee duratti wayitti hin galtu; eyyee, nama ta'ee kan argamu hundinuu akkuma qilleensa shuf jedhuu ti*.[141]

6Namni akkuma gaaddisaa in darba, ofumaas in iyya; namni wal irra in tuula, abbaa fudhatus hin beeku*.

7Egaa maalan eeggadha yaa gooftaa? Abdiin ani qabu si*!

8Warra anatti darban harkaa na baasi, warra gowwootaaf muka kolfaa ana hin godhin!

9Situ akkas akka ta'u godhe, kanaaf ani hin dubbadhu, afaan koos hin saaqadhu;

10harka kee isa anatti ulfaatu jalatti akkan badduu hin baanetti, dha'icha kee ana irraa fuudhi!

11Sababii yakkaatiif nama ifattee in adabda, wanta isa irraa nama gammachiisus hundumaa, akkuma ololeen nyaatutti ijaajjiitti in fixa; eyyee, nama ta'ee kan argamu hundinuu akkuma qilleensa shuf jedhuu ti*.[142]

12Yaa Waaqayyo, ati kadhata koo anaaf dhaga'i, gurra kees gara iyyata kootti qabi! Imimmaan koo ilaali malee, ana jalaa calluma hin jedhin! Anoo akkuma abboota koo, si duratti keessummaa dha, kara-adeemaa dhas*.

13Utuun hin godaanin, lafa irraas utuun hin dhabamin, takka fuulli koo akka ifutti, nyaara guurtee ana hin ilaalin![143]

ticle>