MACAAFA FAARFANNAA 4:1-8 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo isa dhugaa anaaf baaftuu, yeroon si waammadhu anaaf deebisi! Yeroo ani muddama keessa turetti, ati keessaa na baafteetta; ati araara anatti argisiisi! Kadhata koos anaaf dhaga'i!

2Yaa jarana, isin hamma yoomiitti ulfina koo salphiftu? Hamma yoomiitti dubbii waa'ee hin baafne jaallattu? Hamma yoomiittis soba faana dhooftu?

3Garuu Waaqayyo warra kan isaa ta'an, addaan akka baafate beekaa! Waaqayyo yeroo ani isa waammadhutti anaaf in dhaga'a;

4yoo aartan iyyuu, cubbuu hin hojjetinaa! Yeroo gab jettanii siree keessan irra jirtanitti, kana garaa keessanitti itti yaadaa*!

5Aarsaa isa qajeelaa dhi'eessaa! Waaqayyotti amanattaniis isatti dhiisaa*![8]

6Namoonni baay'een, ?Eenyutu waan gaarii nutti argisiisa?? in jedhu; yaa Waaqayyo, ati ifa fuula keetii nu irratti ol kaasi*!

7Isa warri kaan midhaan isaanii fi daadhii waynii isaanii baay'ee irraa argatan caalaatti, ati gammachuu caalu garaa koof kenniteetta.

8Yaa Waaqayyo, akka ani qoofniitti sodaa malee jiraadhu situ godha; kanaafis ani akkuman ciiseen nagaatti nan rafa*.[9]

cle>