1Dhugaa koo anaaf baasi, yaa Waaqayyo! Warra kan kee hin ta'inittis yaa'ii koo anaaf falmi! Warra arraba gegeddaranii fi warra waan jal'aa hojjetan jalaas na baasi!
2Ati Waaqayyo isa ani kooluu itti galee dha, maaliif na gatte ree? Sababii cunqursaa diina koofis maaliifan boo'aa adeema?
3Ifa kee fi dhugaa kee ergi, isaan anatti karaa haa argisiisan; tulluu kee isa qulqulluutti, iddoo buufata keettis ana haa geessan!
4Gara iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessanii, gara Waaqayyoo isa ani itti gammaduu nan dhaqa; kiraaraanis sagalee gammachuu dhageessisee sin jajadha, yaa Waaqayyo, yaa Waaqayyoo ko!
5Yaa lubbuu ko maaliif akkas gadditee dhiphatta? Maaliifis akkas ana keessatti gabii dhabda? Ati Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu! Anoo deebi'ee gargaarsa isa duraa anaaf dhufuuf, Waaqayyo koo ta'uu isaatiifis isa jajachuufan jira.