1Yaa Waaqayyo, nuyi gurra keenyaan dhageenyeerra,wanta ati bara durii sanatti goote,gochaa ati bara isaaniitti isaaniif raawwattes,abboonni keenya nutti himaniiru*.
2Ati harka keetiin saba warra kaan ariitee baafte,isaan kana garuu jabeessitee in dhaabde;ati warra kaan in balleessite,isaan kana garuu in bal'ifte.
3Isaan billaa isaaniitiin laficha hin qabanne,yookiis irreen isaanii mo'icha hin laanneef;garuu ati waan isaanitti gammaddeef,mirgi kee fi irreen kee,ifni fuula kees kana isaaniif kenne.[155]
4Ati mootii koo ti, yaa Waaqayyo,Yaaqoobiif mo'icha kana kan abboome si;
5humna keetiin diinota keenya lafaan in dhoofna,maqaa keetiinis warra nu irratti ka'an in dhidhiinna.
6Ani iddaa koo hin amanadhu,billaan koos mo'icha ana hin argachiisu*.
7Ati garuu harka diinota keenyaa nu oolchiteetta,warra nu jibbanis yeellaasifteetta.
8Nuyi guyyaa hundumaasi Waaqayyoon of in jajna,maqaa keetiifis bara hundumaagalata in galchina*.[156]
9Amma garuu ati of biraa nu gattee nu salphifteetta,loltuu keenyaa wajjinis lafa duulaatti hin baane.
10Diinota duraa gara booddeetti deebineeakka baqannu gooteetta;warri nu jibbanis nu saamaniiru.
11Ati akka hoolotaa qalamuutti nu kenniteetta,saba warra kaan keessattis nu bittimsiteetta*.
12Ati saba keewanta gatiitti hin lakkaa'amnetti gurgurteetta,gurgura isaanii keessaas ati homaa hin buufanne;[157]
13ati saba ollaa keenya jiraniif muka ga'oo,warra biyya naannoo keenyaafis ceephoo fi tuffiidhaaf nu goote*.