1Waaqayyo guddaa dha, mandara isaa keessatti tulluu isa qulqullaa'aa irrattis guddisee kan jajamuu dha*![168]
2Tulluun Xiyoon inni ol ka'inni isaa miidhagaan, guutummaa lafa kanaaf gammachuu dha; inni mandara mootii guddichaa keessaa, gara bitaatti ol fagaatee jira*.
3Mana ishee warra jajjaboo keessatti Waaqayyo ofii isaatii, da'oo amanamaa isheedhaaf ta'uu isaa mul'iseera.[169]
4Kunoo, mootonni walitti in qabaman, wal duukaas itti in adeeman.
5Akkuma kana arganiin na'anii in dinqifatan, wareeranii baqa keessaa fuudhan.
6Achitti rom'uun isaanitti dhufe, akka dubartii da'uuf ciniinsifattus muddamni isaan in qabate.
7Akka markaboota gara buufata Tarshiishitti adeemanii, warra qilleensa gara ba'a-biiftuutiin hurreeffamanii in ta'an.
8Waaqayyo bara baraan mandara isaa jabeessee akka dhaabu, akkuma dhageenye akkasumas mandara gooftaa maccaa, isa kan Waaqayyo keenyaa irratti argineerra.
9Yaa Waaqayyo, mana qulqullummaa kee keessatti, nuyi gaarummaa kee yaadanneerra.
10Yaa Waaqayyo, akkuma maqaan kee fagoo ga'e, jajuun kees andaara lafaa in ga'a; harka kee mirgaa keessa qajeelinni guuteera*.
11Firdii dhugaa ati laattuuf tulluun Xiyoon haa gammadu, mandaroonni Yihudaas haa ililchan![170]
12Mandara Xiyoon naanna'aa, ishees marsaa, riqaa dhagaa ishee keessatti ijaaramanis lakkaa'aa!
13Dhaloota dhufutti akka himtaniifis dallaa ishee yaadaan qabaa, mana ishee warra jajjaboo keessa adeemaa!
14Inni kun Waaqayyo akka ta'e, yeroo hundumaa bara baraan Waaqayyo keenya, ammaa hamma du'a garasiittis geggeessaa keenya ta'uu isaa himaa*![171]