3Yaa Waaqayyo ganama sagaleen koosi biratti in dhaga'ama,ganama ofii koo siif nan qopheessa,gara kees nan ilaala.
4Ati yaa Waaqayyo, isa jal'inni itti tolu miti'o,hamaanis si bira hin buufatu.
5Warri of jajanis ija kee dura hin dhaabatan,warra wanta waa'ee hin baafne hojjetanhundumaas in jibbita.
6Warra soba dubbatan lafa irraa in balleessita,Waaqayyo warra dhiiga namaa dhangalaasanii fiwarra nama wallaalchisan in ciigga'a.
7Ani garuu gaarummaa kee isa baay'eedhaangara mana keetti ol galuun anaaf kennameera;ulfinaan si sodaachuudhaanis,gara mana qulqullummaa keetti gara galeekufee siif nan sagada*.