MACAAFA FAARFANNAA 51:1-19 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo, akka gaarummaa keetti araara anatti argisiisi! Akka oo'a kee isa guddaatti irra-daddarbaa koo haxaa'ii balleessi*!

2Yakka koo raawwadhu ana irraa dhiqi, cubbuu koottiis ana qulleessi*![180]

3Anoo irra-daddarbaa koo beeka, cubbuun koos gaafa hundumaa ija koo dura jira*;

4ani si yakkeera, si'uma duwwaan yakkes, wanta ija kee duratti hamaa ta'es hojjedheera; ati immoo dubbii ana irratti dubbatteen qajeelaa, firdii faraddeenis qullaa'aa ta'uun kee in beekama*.

5Kunoo, haati koo isheen garaatti na baatte iyyuu cubbamtuu turte, anis yakkaa ta'ee nan dhaladhe*.[181]

6Kunoo, ati keessa namummaa namaatti amanamummaa arguutti in gammadda, iddoo dhokataa sana keessattis ogummaa na hubachiifta!

7Hisoophiidhaan cubbuuttii na qulleessi, anis nan qullaa'a; na dhiqi cabbii irras nan adaadha*!

8Sagalee gammachuu fi ilillee na dhageessisi, lafeen koo warri ati caccabsites haa gammadan*!

9Cubbuu koo fuula kee duraa dhoksi, yakka koo hundumaa haxaa'ii ana irraa balleessi![182]

10Garaa qullaa'aa anaaf uumi, yaa Waaqayyo! Hafuura dhaabataas ana keessatti haaressi*!

11Fuula kee duraa ana hin balleessin, hafuura kee isa qulqulluus ana duraa hin fudhatin!

12Gammachuu isa fayyisuu kee keessaa argamu, iddootti anaaf deebisi, siif abboomamuudhaaf hafuura na gargaaru anaaf kenni!

13Yommus ani warra irra-daddarban karaa kee nan barsiisa, cubbamoonnis gara keetti in deebi'u.[183]

14Yaa Waaqayyo, yaa gooftaa na fayyiftuu, dhiiga koo dhangala'uu oolchi! Arrabni koos waa'ee qajeelummaa kee gammachuudhaan guddisee in faarfata.

15Ati arraba koo hiiki, yaa gooftaa! Afaan koos jajuu kee in hima.

16Qalmi sitti hin tolu, aarsaa dhi'eessuu koottis ati hin gammaddu*;

17hafuurri yaada cabaa aarsaa Waaqayyo biratti fudhatamuu dha, yaa Waaqayyo, ati garaa cabaadhaaf bullaa'aa hin tuffattu*![184]

18Akka sitti tolutti Xiyooniif gaarii godhi, masaraawwan Yerusaalem deebisii ijaari*!

19Yommus qalma qajeeltootti, aarsaatti, qalma guutummaatti gubamuttis in gammadda; yommus iddoo aarsaa kee irratti tuntunoowwan qalmaaf in dhi'eeffamu.[185]

ticle>