4Yaa arraba haxxumaa dubbattuu,ati dubbii badiisaa in jaallatta*.[186]
5Waaqayyo garuu yeroo hundumaafgad si cabsuuf jira;godoo kee keessaa butee si baasuuf jira;biyya warra jiraatoo keessaas hundeedhaan si buqqisa*.
6Warri qajeelonni kana arganii in sodaatu,namichatti garuu kolfaa in dubbatu,
7?Ilaa namicha isa Waaqayyoonda'oo isaa hin godhanne,qooda kanaa baay'ina sooruma isaa amanatee,badiisa fiduu isaatiinis jabaa of se'e? in jedhu*.[187]
8Ani garuu akka muka ejersaa,isa mana Waaqayyoo keessatti lalisaa guddatuu ti;yeroo hundumaas bara baraangaarummaa Waaqayyo nan amanadha*.
9Ati kana waan gooteef,ani yeroo hundumaa galateeffachaa sin jajadha;namoota siif of kennan durattis,maqaa kee isa gaarii abdiidhaan nan waammadha.[188]