3hundinuu dugda itti gataniiru,hundinuus wal ga'anii manca'aniiru;namni gaarii godhu tokko illee hin jiru,lakkii, tokko iyyuu hin jiru.
4Warri hamaa hojjetan hundinuu homaa hin hubatanii?Warri akkuma buddeena nyaatan saba koo nyaatanis,Waaqayyoon hin waammatanii?
5Kunoo, isaan sun naasuu guddaadhaan,naasuu takkaa ta'ee hin beekneenis in liqimfamu;Waaqayyo lafee warra marsanii si qabaniiin bittimse,Waaqayyo waan isaan gateef,ati akka isaan yeellaasifaman in goota.
6Xiyoon keessaa Israa'eliif fureen utuma ba'e!Yeroo Waaqayyo saba isaatiif adda kennuuf,Yaaqoob in burraaqa, Israa'el in gammada.