1Yaa Waaqayyo, maqaa keetiin ati na oolchi, aangoo keetiinis dhugaa anaaf baasi!
2Kadhata koo dhaga'i, yaa Waaqayyo, dubbii ani afaan kootiin sitti himadhus dhaggeeffadhu!
3Namoonni ormaa ana irratti ka'aniiru, warri nama sodaachisanis jireenya koo balleessuu in barbaadu; isaan Waaqayyoon of dura hin buufanne.
4Kunoo, Waaqayyo gargaaraa koo ti, gooftichi irkisaa jireenya kootii ti.
5Wanti hamaan warra ija diinummaatiin na ilaalanitti haa deebi'u; ati amanamaa waan taateef isaan fixi*![189]
6Ani jaalala kootiin aarsaa siif nan dhi'eessa, yaa gooftaa, ani maqaa kee isa gaariidhaaf galata nan galcha*!
7Ati rakkina hundumaa keessaa waan na baafteef, iji koo gammachuudhaan diinota koo of jalatti in ilaala.[190]