1 Yaa Waaqayyo, gurra kee gara kadhata kootti qabi, himata koo jalaas hin didin!
2 Ati ana dhaggeeffadhu, anaaf deebisis! Dhibeen koo na joorsee nagaa na dhowweera.
3 Diinonni anatti in iyyu, namoonni jal'oonni gad na qabu, isaan badiisa na irratti in fidu, aarii isaaniitiinis diina anatti in ta'u.
4 Keessa kootti lapheen koo in sirba; naasuun du'aas ana irratti lafa in dha'e.
5 Sodaanii fi rom'i na qabatan, pherpheramnis guutummaatti na raase.
6 Utuu ani akka gugee baallee qabaadhee, balali'ee iddoo tokko nan boqodhan ture.
7 Silaa illee jalaa baqadhee achis fagaadhee, lafa namni hin jirre nan bubbulan ture.
8 Qilleensa jabaadhaa fi bubbee jalaas, gara iddoo baqannaa kootti nan ariifadhan ture.
9 Akka isaan wal hin hubanne godhi, afaan isaaniis gargar baasi, yaa gooftaa! Humnaan wal irratti ka'uu fi qoccolloo, mandarattii keessatti argeera.
10 Halkanii fi guyyaas masaraa ishee irra in naanna'u, hamminni, jal'innis mandarattii keessa jira;
11 keessa ishee badiisatu jira, gabaa ishee keessaas nama gad qabuunii fi gowwoomsuun hin mittiqu*.[191]
12 Diinatu ana arrabsa utuu ta'ee, nan baadhan ture; isa na jibbutu anatti of gurguddisa utuu ta'ee, isa duraa nan sokkan ture.
13 Amma garuu situ kana godhe, si isa hiriyaa kootii, nama garaa kootii, nama ani ba'eessa godhee beekus,
14 si isa haasaan keenya walitti miyaa'e, isa wajjin tuuta gidduu buunee gara mana Waaqayyoo dhaqne.
15 Hamminni garaa isaanii fi mana isaanii keessa waan guuteef, isaan utuu itti hin yaadin du'i itti haa dhufu! Jiraatti gara iddoo lafa jalaatti gad haa bu'an*!
16 Ani garuu Waaqayyoon nan waammadha, gooftichis ana in oolcha;
17 galgalaa fi ganama, waareettis, isatti nan himadha, isatti nan boo'as, innis sagalee koo in dhaga'a.
18 Warri ana irratti ka'an waan baay'ataniif, lola anatti ka'e keessaa lubbuu koo nagaatti galchi!
19 Waaqayyo inni durii durii jalqabee teessoo isaa irra jiru, kana in dhaga'a; sababii isaan yaada garaa isaanii geddarachuu didanii, isas sodaachuu dhiisaniif, gad isaan in deebisa*.[192]
20 Inni hiriyaa koo ture sun, warra isaa wajjin nagaatti jiraatan irratti harka ol fudhate, kakuu isaas in cabse.
21 Haasaan afaan isaatii akkuma dhadhaa ti, nama hin quuqu, garaa isaa keessa immoo lolatu jira; dubbiin isaas dibata caalaa in laafa, garuu akka billaa luqqifamee jiruu ti*.[193]
22 Wanta yaada sitti ta'u Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa! Namni qajeelaan raawwatee akka hin mittiqne in godha*.
23 Warri dhiiga namaa dhangalaasanii fi, warri haxxummaadhaan nama gowwoomsan garuu, boolla gad fagootti akka gad bu'an in goota; yaa Waaqayyo! Isaan bara jireenya isaanii hin walakkeessan; ani garuu sin amanadha.[194]
Bible Society of Ethiopia