1Diinota koo jalaa na baasi, yaa Waaqayyoo ko!Iddoo warri ana irratti ka'anana hin qaqqabnettis na eegi;
2warra jal'ina hojjetan jalaa na baasi,warra dhiiga namaa dhangalaasanis na oolchi!
3Ilaa isaan lubbuu koo baasuudhaaf riphanii ana eeggatu,ani immoo namatti hin darbineyookiis hin yakkine, yaa Waaqayyo!Warri humna namatti argisiisan garuuana irratti wal ga'an.
4Ani balleessaa hin qabu,isaan immoo anatti fiiganii dhaabannaa in tolfatu;ka'i, anatti adeemii ana ilaalis!
5Ati yaa Waaqayyo gooftaa maccaa,Waaqayyo isa kan Israa'el,saba lafa irraa hundumaatti ilaaluudhaaf ka'i!Warra amanamuu didaniijal'ina hojjetan hundumaattiaraara hin argisiisin!
6Isaan galgala galgala deebi'anii,akka saree gururi'aa mandaricha keessa in naanna'u.
7Kunoo, afaan isaanii keessaa dubbii hin taane in baasu,arrabni isaaniis immoo akka billaa ti;?Silaa kan nu dhaga'u hin jiru? jechuunyaada isaanii keessa ture.
8Ati garuu yaa Waaqayyo, isaanitti in kolfita,saba lafa irraattis in ga'ifta.
9Yaa Waaqayyo aangoo ko, ati da'oo koo waan taateef,ani sin eeggadha*,
10Waaqayyo koo gaarummaa isaatiin gara koo in dhufa;Waaqayyo warra na gaadan asii gad ilaale,akka ani gammadu in godha.[202]
11Namoonni koo akka hin irraanfannetti,tokkichumaan isaan hin ajjeesin!Humna keetiin isaan joorsi,lafatti gad isaan deebisi,yaa gooftaa, yaa gaachana keenyaa!
12Warri sun in abaaru, sobas in dubbatu;dubbiin arraba isaanii,cubbuu afaan isaanii keessaa ba'u waan ta'eef,of gurguddisuu isaaniitiin haa qabaman;