MACAAFA FAARFANNAA 6:1-10 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo, aarii keetiin ana hin ifatin! Dheekkamsa keetiinis ana hin adabin*!

2Anaaf gameera, ati anaaf oo'i yaa Waaqayyo! Namummaan koo guutummaatti roqomeera; ati na fayyisi yaa Waaqayyo!

3Lubbuun koos immoo baay'ee raafameera, ati garuu yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti turta*?[12]

4Yaa Waaqayyo, deebi'i, jireenya koos anaaf oolchi, gaarummaa keef jedhiitii na gargaari!

5Erga du'ee namni si yaadatu hin jiru, iddoo lafa jalaa keessaa immoo eenyutu si galateeffata*?[13]

6Ani aaduu kootiin dadhabeera, halkanuma dhuftu boo'uu kootiin siree koo nan tortorsa, iddoo ciisicha koo irras imimmaan nan lolaasa.

7Iji koo gadda irraa kan ka'e arguu dhabe, sababii warri na cunqursan hundinuu na gaddisiisaniifis, dadhabaa in adeema.

8Waaqayyo sagalee boo'icha koo dhaga'eerao, isin warri hamaa hojjettan hundinuu ana irraa fagaadhaa!

9Waaqayyo waammata koo dhaga'eera, Waaqayyo kadhata koo in fudhata;

10diinonni koo hundinuu in yeellaasifamu, sodaadhaanis baay'ee in raafamu; isaan of irra in gara galu, achumaanis in yeellaasifamu.

icle>