6Waaqayyo iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessaa dubbatee,?Ani guddisee itti nan gammada,Sheekem kutaa biyyaa nan hira,dachaa Suukootis safaree gargar nan hira.
7Biyyi Gili'aad kan koo ti,biyyi Minaasees kan koo ti;biyyi Efreem gonfoo sibiilaaisa ani mataa koo ittiin eeggachuuf kaa'adhuu dha;biyyi Yihudaa siiqqee mootummaa kootii ti*.
8Biyyi Mo'aab caabii dhiqannaa kootii ti,biyyi Edoom kan koo ta'uu isaa argisiisuudhaaf,kophee koo isa irra nan buusa;biyyi Filisxiyaa isa irratti mo'uu kooguddisee haa dhageessisu!? jedhe*.[205]
9Gara mandara naannoon isaadallaa dhagaatiin marfametti, eenyutu na fida ree?Eenyutus gara Edoomitti na geessa ree?
10Ati garuu nu gatteetta mitii, yaa Waaqayyo?Ati yaa Waaqayyo,loltuu keenyaa wajjinis lafa duulaatti hin baatu.
11Warra nu cunqursan jalaa ba'uuf,gargaarsi namaa homaa waa'ee hin baasu waan ta'eef,ati gargaarsa nuuf kenni*!
12Waaqayyoo wajjin nuyi humna in godhanna,warra nu cunqursan gad kan dhidhiitu isa.[206]