1Waammata koo dhaga'i, yaa Waaqayyo! Kadhata koos yaadaan qabi!
2Erga garaan koo citee andaara lafaatii sin waammadha, kattaa ol ka'aa ani bira ga'uu hin dandeenyeen na ga'i*!
3Ati anaaf iddoo kooluu itti galanii dha, diina duratti ati riqaa dhagaa isa jabaa dha*.[207]
4Bara hundumaaf godoo kee keessa utuun buufadhee! Gaaddisa bobaa kee jalattis utuun kooluu galee*!
5Yaa Waaqayyo, ati wareega koo dhageesseetta, isa warri maqaa kee sodaatan argatanis anaaf kenniteetta.[208]
6Bara jireenya mootichaatti bara dabali, waggoonni isaas dhalootaa gara dhalootaatti haa darban*!
7Bara hundumaas fuula Waaqayyoo dura teessoo irra haa taa'u! Gaarummaanii fi amanamummaan akka isa eeganiif abboomi*![209]
8Guyyaa guyyaatti wareega koo of irraa baasuuf, yeroo hundumaa mi'a garaa garaatiin maqaa kee nan faarfadha!