4Isaan iddoo isaa isa ulfinaatii,gad isa darbachuu duwwaa in akeekkatu;wanti sobaa isaanitti in tola,afaan isaaniitiin in eebbisu,keessa garaa isaaniitiin garuu in abaaru.
5Lubbuun koo gab jettee Waaqayyoon duwwaa in eeggatti,abdii koo isa irra nan kaa'adha.
6Inni kophaa isaa kattaa koo, gargaarsa koo, da'oo koo tis,egaa ani iddoo kootii hin mittiqu!
7Waa'een oolfamuu kootii fi ulfina kootii,Waaqayyo harka jira;kattaan koo inni aango-qabeessi,iddoon ani kooluu itti galus Waaqayyo bira jira.
8Isin yaa warra saba isaa taatanii,yeroo hundumaa isa amanadhaa!Wanta garaa keessanitti yaaddanisa duratti dhangalaasaa!Waaqayyo isa nuyi kooluu itti galluu dha.
9Namni xinnaan qilleensa, homaas miti,namni guddaan soba, dhugaas miti;miijana irratti ol in ka'u,walumatti qabaan isaanii immooqilleensa caalaa in salphatu*.
10Wanta doorsisaan argamu hin amanatinaa,wanti saamichaan argamusakka qilleensaa ta'uu isaa beekaa,qabeenyi yoo guddatesgaraa keessan isa irra hin kaa'atinaa*![211]
11Waaqayyo takkaa dubbateera,aangoon kan isaa akka ta'e,lammaffaas dubbateera,anis kana dhaga'eera.
12Gaarummaan kan kee ti, yaa gooftaa!Ati namaaf akka hojii isaatti,gatii isaa in deebifta*![212]