MACAAFA FAARFANNAA 63:1-11 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo, ati Waaqayyo koo ti, ani sin barbaada; lubbuun koo akkuma bishaanii si dheebotti, akka lafti bishaan dhabee, gogee dhama of keessaa fixus, foon koo si yaadee in gaggaba*;

2kana irraa kan ka'es aangoo kee fi ulfina kee arguudhaaf iddoo kee isa qulqullaa'aa keessa ijaan sin barbaaddadhe.

3Gaarummaa kee argachuun, jireenya ani amma jiraadhu irra in wayya, kanaafis arrabni koo si jajata*;

4ani hamman jirutti sin galateeffadha, harka koo ol qabees maqaa kee nan waammadha.[213]

5Lubbuun koo akka waan ani coomaa fi dhuka nyaadheetti in quufti, afaan koo arraba ililleetiin si jajata.

6Lafa ciisicha kootti sin yaadadha, yeroon ilaalaa bulus waa'ee kee nan yaada*;

7ati gargaarsa anaaf taateetta, gaaddisa bobaa kee jalattis sagalee gammachuu nan dhageessisa*;

8lubbuun koo sitti in maxxana, harki kee mirgaas qajeelchee ol na qaba.[214]

9Warri jireenya koo balleessuu barbaadan garuu, boolla lafa jalaa isa gad fagoo keessa lixuuf jiru.

10Billaa afaan in bu'u, irbaata waangoos in ta'u.

11Mootichi garuu Waaqayyotti in gammada, namni maqaa Waaqayyootiin kakatu hundinuu of in jaja; afaan warra sobduu immoo in cuqaalama.

ticle>