1Yaa Waaqayyo, rakkina koo kana keessatti sagalee koo anaaf dhaga'i; jireenya koos sodaachisa diinaattii anaaf eegi!
2Wanta warri jal'oonni wal ga'anii anatti malan, isa warri hamaa godhan tuqa anatti kaasan duraas, ana dhoksi!
3Isaan arraba isaanii akka billaa in qaratu, dubbii hadhaa'aas akka xiyyaa iddaatti kaa'atu.
4Iddoo riphanii jiranii nama balleessaa hin qabnetti, yeroo inni itti hin yaadinitti, sodaa malee isatti gad in dhiisu.
5Isaan hamaa gochuudhaaf isa yaadanitti in jabaatu, waa'ee dhoksanii kiyyoo kaa'uus in dubbatu, yaada isaaniittis, ?Eenyu nu arguu danda'a?? in jedhu*.
6Keessi yaada garaa namaa gad fagoo waan ta'eef, isaan waan jal'aa hojjechuudhaaf in yaadu, ?Kora korannee qophoofneerra? in jedhu.[215]
7Waaqayyo garuu xiyya isaa isaanitti gad in dhiisa, yommus isaan utuu itti hin yaadin in madaa'u.
8Dubbiin arraba isaanii isaan in gufachiisa warri isaan argan hundinuus in baqatu*.[216]
9Yommus namoonni hundinuu in sodaatu, wanta Waaqayyo godhe in himu, hojii isaas yaadanii in hubatu.
10Namni qajeelaan Waaqayyotti in gammada, isattis kooluu in gala, gara-qajeelonni hundinuus isa in jaju.