1Yaa Waaqayyo,Xiyoon irratti faarfannaadhaan si jajachuun in ta'a,wareegnis siif in baafama.
2Yaa isa kadhata namaa dhageessuu!Namni foon uffate hundinuu,cubbuu isaa wajjin gara kee in dhufa.
3Irra-daddarbaan keenya humna nu caaleera,ati garuu yakka keenya nuuf in dhiifta.
4Namni ati fo'atteoobdii mana kee keessa akka buufatuufisinni ati ofitti buttu haa gammadu!Wanta gaarii isa mana keemana qulqullummaa keessatti argamuun in quufna*.
5Yaa Waaqayyo ati nu oolchita,hojii isa guddaa sodaachisaadhaanqajeelummaadhaan deebii nuuf kennita;andaara lafaa hundumaafgalaanota fagoo jiraniifis ati amanannaa isaanii ti.
7huursaa galaanaa fi huursaa dha'aa isaa,waca namoota lafa irraas gab jechisiifta.
8Warri andaara lafaa jiraatan,milikkita argisiisuu kee irraa kan ka'e in sodaatu,lafa ganama biiftuun baateegalgala biiftuun lixutti,sagaleen gammachuu akka dhaga'amu in goota.[217]
9Ati laficha in ilaalta,waan hundumaa irraa hafaa in laattaaf,guddiftes isa in badhaafta;lagni ati kenniteef bishaan guutuu qaba,namootas midhaan in argachiifta;akkas gootee qopheessiteetta.
10Bo'oo lafichaa bishaan baay'ee in obaafta,bungulluu isaas in bulleessita;tiifuudhaan isa in laafifta,biqila isaas in barakachiifta.
11Waggicha wanta gaarii si biraa dhufeen in gonfita,gara ati adeemtuttis faanni kee cooma in rooba;
12lafti qoddiin coomee margi isaa in labbeessa'a,gaaronnis akka waan mudhii isaaniitti hidhatanii ti,sagaleen gammachuu naannoo isaaniitti in dhaga'ama.