MACAAFA FAARFANNAA 66:1-20 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa guutummaa biyya lafaa, Waaqayyotti gammaduu kee sagalee guddaadhaan dhageessisi!

2Isin warri isa keessa jiraattan, ulfina maqaa isaa faarfadhaa, jajuu ulfina argisiisuunis isa jajadhaa!

3Waaqayyoon, ?Gochaan kee maal maal sodaachisaa dha, dinqisiisaa dhas! Aangoon kee guddaa dha, diinonni kees siif in gugguufu!

4Guutummaan biyya lafaa gombifamee siif in sagada, warri isa keessa jiraatan si faarfatu, maqaa kees jajachuudhaan in faarfatu? jedhaa!

5Kottaa, wanta Waaqayyo godhe ilaalaa! Inni hojii isaa isa namoota irratti mul'atuun in sodaatama.

6Inni galaanicha lafa gogaatti deebise, namoonnis miilla isaaniitiin lagicha keessa ce'an; kanaaf nuyi achitti isatti in gammanne*.

7Inni jabina isaatiin bara baraan in mo'a, warri mormanii irratti ka'an akka ol of hin qabnetti, iji isaa saba lafa irraa in eega.[219]

8Isin saba nana maqaa Waaqayyo keenyaa eebbisaa, sagaleen ittiin isa jajattan akka dhaga'amu godhaa!

9Inni jireenyatti nu eegeera, miilli keenyas akka hin bitintirre godheera.

10Yaa Waaqayyo, ati nu qorteetta, akka meettiin qoramee ilaalamus nu ilaalteetta*.

11Ati gara kiyyoo sanaatti nu geessitee, wanta gad nu qabus dugda keenya irra keesse.

12Ati namoonni mataa keenya irra akka adeeman goote, ibiddaa fi bishaan keessa darbine; utuma ta'uu iyyuu ati bal'inatti nu baafteetta*.[220]

13Ani qalma gubatu fudhadhee gara mana keetti ol nan gala, wareega koos siif nan baasa*.

14Innis isa yeroo ani rakkina keessa ture, arrabni koo tuqe, afaan koos dubbatee dha;

15horii coccoomoos qalma gubatuu fi, aarsaa korbeessa hoolaas siif nan dhi'eessa; tuntunoo fi korbeessa re'ootaa aarsaa nan godha.[221]

16Isin warri Waaqayyoon sodaattan hundinuu kottaa, dhaggeeffadhaa! Ani wanta inni anaaf godhe nan hima.

17Ani guddisee gara isaatti nan iyyadhe; arrabni koos isa jajuuf in qophaa'e.

18Ani hamaa gochuu garaa kootti utuun yaadeera ta'ee, gooftichi matumaa ana hin dhaggeeffatu ture*.

19Waaqayyo garuu dhuguma ana dhaga'eera, sagalee kadhata kootiis yaadaan anaaf qabeera.

20Kadhata koo waan of irraa hin deebisiniif, gaarummaa isaas ana irraa waan hin fudhatiniif, maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu![222]

ticle>