MACAAFA FAARFANNAA 67:1-7 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo araara nutti haa argisiisu, nu haa eebbisus! Fuula ifaadhaanis nu haa ilaalu*![223]

2Kanaanis yaa Waaqayyo, karaan ati hojjettu, lafa irratti, fayyisuun kees saba lafa irraa keessatti haa beekamu!

3Namoonni galata siif haa galchan, yaa Waaqayyo! Namoonni walitti qabaan isaanii galata siif haa galchan!

4Ati qajeeltootti namoota waan bulchituuf, saba hundumaas lafa irratti waan geggeessituuf, sabni lafa irraa haa gammadu, gammaduu irraa kan ka'es haa faarfatu!

5Namoonni galata siif haa galchan, yaa Waaqayyo! Namoonni walitti qabaan isaanii galata siif haa galchan!

6Lafti midhaan baaseera, Waaqayyo gooftaan keenya nu eebbiseera*;

7Waaqayyo nu eebbiseera, andaara lafaa keessa kan jiran hundinuu isa haa sodaatan![224]

icle>