MACAAFA FAARFANNAA 68:1-35 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo ol in ka'a, diinonni isaas in bittimmaa'u, warri isa jibbanis fuula isaa duraa in baqatu*!

2Akkuma qilleensi aara oofu, akkasuma atis isaan in oofta; akkuma gagaan ibidda duratti baqu warri jal'oonni fuula Waaqayyoo duraa in badu.[225]

3Warri qajeelonni garuu in gammadu, isaan Waaqayyo duratti gammaduu isaanii in mul'isu, gammachuudhaanis warra itti tole in ta'u!

4Waaqayyoof weeddisaa, mi'a garaa garaatiinis maqaa isaa faarfadhaa, isa lafa duwwaa gara irraa adeemus ol kaasaa, faarfadhaa! Maqaan isaa ?Isa jiru? jedhama, fuula isaa duratti gammaduu keessan mul'isaa*![226]

5Waaqayyo iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessa jira; warra abbaa hin qabneef abbaan, haadhotii hiyyeessaafis falmaan, isa*.

6Waaqayyo warra kophaa jiraataniif maatii in kennaaf, warra hidhamanis gara jireenya gaariitti in baasa; warri mormanii isa irratti ka'an garuu biyya qoqoree keessa in jiraatu.[227]

7Yaa Waaqayyo, yeroo ati saba kee dura buutee kaate, lafa duwwaa sana kuttee adeemte*;

8tulluu Siinaatti akkuma ta'e, fuula Waaqayyoo duratti, fuula Waaqayyoo isa kan Israa'el duratti lafichi in socho'e, bantiin waaqaas bokkaa coccophse*.

9Bokkaa baay'ees biyya isa dhuunfaa kee godhatte irratti roobsite, yaa Waaqayyo, yeroo inni jiidha dhabee laabba'ettis lubbuu itti deebifte.

10Yommus warri kan kee ta'an achi keessatti iddoo jireenyaa in argatan; yaa Waaqayyo, ati gaarummaa keetiin warra waan barbaachisu dhabaniif isa in qopheessite.[228]

11Waaqayyo dubbii isaa in dhageessisa, dubartoonni warri misraachoo himan sun macca guddaa turan;

12?Mootonnii fi loltoonni in baqatu; isaanoo in baqatu!? Dubartiin manaa boojuu in hirti.

13Yeroo wanti akka qoochota gugee meettiidhaan, baalleewwan isaaniis warqee bifa margaatiin uffifamanitti isin immoo karra hoolotaa gidduu in ciiftuu ree?

14Yommuu inni hundumaa danda'u mootota achitti bittimse, akka waan cabbiin tulluu Zaalmon irratti bu'e in ta'e.

15Tulluun Baashaan tulluu Waaqayyoo ti; tulluun Baashaan roggee baay'ee qaba.

16Yaa tulloota roggee baay'ee qabdanii, gara tulluu isa Waaqayyo iddoo buufata isaa godhachuu fedhee, isa Waaqayyo bara baraan irra jiraatuu, maaliif ija hinaaffaatiin ilaaltu*?[229]

17Konkolaatonni macca Waaqayyoo kumaatama baay'ee dha, kumaatama kumaatamaa irras in caalu; gooftichi isaaniin tulluu Siinaatii gara iddoo qulqulluu dhufee, saba isaa gidduu jira.

18Ati Waaqayyo gooftaan, achi jiraachuudhaaf, warra booji'aman fudhattee, iddoo ol jedhaa sanatti baateetta; namoota gidduudhaa, warra mormanii si irratti ka'an irraa iyyuu kennaa fudhatteetta*.[230]

19Gooftichi inni guyyuma guyyaatti ba'aa keenya nuuf baatu, Waaqayyo inni nu oolchu, maqaan isaa haa eebbifamu*!

20Waaqayyo keenya Waaqayyo isa fayyisuu dha, Waaqayyo gooftaan du'a jalaa baasuufis karaa qaba.

21Waaqayyo garuu mataa diinota isaatii, gubbee nama akkuma yakketti deddeebi'uus in hurreessa.

22Gooftichi, ?Ani biyya Baashaanii deebisee isaan nan fida, ani tuujjuba galaanaa keessaa deebisee isaan nan fida;

23ati immoo miilla keetiin dhiiga in borcita, arrabni saroota keetiis dhiiga diinotaa in arraabu? jedhe.[231]

24Yaa Waaqayyo, toora ati ittiin adeemuutti jirtu, toora Waaqayyo koo, mootiin koo gara iddoo qulqullaa'aatti ittiin galaa jiru, isaan hundinuu arganiiru*.

25Warri faarfatan fuula duraan, warri mi'a faarfannaa dhageessisan booddeedhaan, durboonni warri dibbee rukutan gidduudhaan turan*.

26Walga'ii keessan hundumaa keessatti maqaa Waaqayyoo eebbisaa, warri burqituu Israa'el keessaa baatanis goofticha jajadhaa!

27Benyaamiin inni isaan keessaa xinnaan toora isaan galche, gurguddoonni Yihudaa tuuta isaanii keessa, gurguddoonni Zebuloon, gurguddoonni Niftaalemis achi turan.[232]

28Yaa Waaqayyo, aangoo kee abboomi, yaa Waaqayyo, aangoon kee inni ati nuuf jettee hojii irra oolchite ittuma haa jabaatu!

29Sababii mana qulqullummaa kee isa Yerusaalem keessaa gara olii jiruuf, mootonni kennaa siif in fidu*.

30Saba akka bineensaa jajjabatti galu kana, tuuta korommii sabaa, warra akka jabbii wajjin ifadhu! Warra meettiidhaan gabbarsiisan, saba lolatti gammadus bittimsi*!

31Sooressonni biyya Gibxiitii in dhufu, Itiyoophiyaan ariifattee harka ishee gara Waaqayyootti in hiixatti*![233]

32Isin mootummoonni lafaa, Waaqayyoof weeddisaa, goofticha faarfannaadhaan jajadhaa!

33Isa bantiiwwan waaqaa irra, bantiiwwan waaqaa warra durii durii keessa adeemu faarfadhaa! Kunoo, inni sagalee isaa, sagalee kakawwee isaa isa aango-qabeessa in dhageessisa*.

34Aangoo Waaqayyoo isa surraan isaa Israa'el irra, jabinni isaas waaqa keessa jiru jajadhaa!

35Waaqayyo, sodaatamaa fi dinqisiisaa ta'uun isaa, mana qulqullummaa isaa irraa in argama; inni Waaqayyo isa kan Israa'el, inni humnaa fi jabina saba isaatiif in kenna; maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu![234]

ticle>