1Ati ana oolchi, yaa Waaqayyo!Bishaan morma na ga'e;
2ani dhaqdhaqii keessatti nan liqimfame,miilli koos waan irra dhaabatu in dhabe;bishaan gad fagoo keessa nan lixe,humni bishaanii na fudhatee sokke.
3Amma immoo wawwaachuu iyyuu nan dadhabe,laagaanis na babbaqaqe;ija qisee Waaqayyoon eeggachuu irraa kan ka'es,iji koo arguu dadhabe;
4warri sababii malee ana jibban,rifeensa mataa kootii irra in baay'atu;diinonni koo warri sobduunwarri ana balleessuu barbaadan, baay'ee dha;wanta ani hin saamin ?Iddoo isaatti deebisi!?naan jedhu*.[235]
5Yaa Waaqayyo, ati gowwummaa koo in beekta,wanti ani balleessestokko illee si duraa hin dhokanne.
6Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa,warri si abdatansababii koof jedhanii hin yeellaasifamin!Yaa Waaqayyo isa kan Israa'el,warri si barbaadansababii koof jedhanii hin qaaneffamin!
7Ani siif jedhee arrabsoo baadheera,yeelloonis ana irra buufameera*;
8ani obboloota kootti orma,haadha koottis alagaa nan ta'e*.[236]
9Mana keetiif hinaafuun na gube,arrabsoon ittiin si arrabsanis ana irra bu'e*;
10soomuun koo, lubbuu koos dhiphisuun kooarrabsoodhaaf anaaf ta'e.
11Uffata gaddaa nan uffadhe,isaaniif garuu nama mammaaksaa nan ta'e.
12Warri karra mandarichaa dura taa'anwaa'ee koo in dubbatu,warri machooftuunis waa'ee koo in weeddisu*.[237]
13Ani garuu yaa Waaqayyo,yeroo si biratti fudhatamaa ta'etti,kadhata koo sittan dhi'eeffadha;yaa Waaqayyo, akka gaarummaa kee isa guddaattigargaarsa kee isa amanamaadhaan anaaf deebisi*!
14Ani akka hin liqimfamnetti dhoqqee keessaa na baasi,warra na jibban jalaa,bishaan gad fagoo keessaas akkan ba'u godhi!
15Humni bishaanii na fudhatee hin sokkin,tuujjubni ana hin nyaatin!Boolli na liqimseeafaan isaa ana irratti hin cufamin![238]
16Arjummaa kee isa gaariidhaan,deebii anaaf deebisi, yaa Waaqayyo!Gara-laafummaa kee isa baay'eedhaanis na ilaali!