MACAAFA FAARFANNAA 7:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ani sitti kooluu nan gala na gargaari, warra na ari'atan hundumaa jalaa na baasi!

2Lafa inni oolchu na bira hin jirretti, isaan akka leencaa ana cuffatanii hin kukkutatin!

3Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ani wanta akkasii hojjedheera yoon ta'e, hojii harka koo keessas yakki yoo jiraate,

4nama nagaatti anaa wajjin jiraatu hamaa godhee, nama na cunqurses sababii malee saameera yoon ta'e,

5diinni koo ari'ee ana haa qaqqabu, jireenya koo dhidhiitee lafatti haa dabalu, ulfina koos awwaara keessa haa buusu*.[14]

6Aarii keetiin ka'i! Yaa Waaqayyo, cunqursituu koo warra aaranii boba'an kana irratti ka'i! Ati firdiin akka kennamu abboomteetta, anaaf dammaqi yaa Waaqayyoo ko!

7Sabni hundinuu naannoo keetti walitti haa qabaman, ati immoo teessoo kee isaan gara irraatti ol kaasii dhaabadhu!

8Waaqayyo saba hundumaaf firdii in kenna, akka qajeelummaa koottii fi akka balleessaa malee argamuu kootti, dhugaa koo anaaf baasi yaa Waaqayyo*!

9Hamminni warra jal'ina hojjetanii haa ga'u, nama qajeelaa garuu jabeessii dhaabi! Garaa namaa fi yaada namaa kan qortu, ati Waaqayyo qajeelaa dha*.[15]

10Waaqayyo warra yaadni garaa isaanii qajeele in oolcha, gaachanni koos isuma biraa anaaf dhufa.

11Waaqayyo abbaa firdii isa qajeelaa dha, guyyaa hundumaas dheekkamsa isaa in mul'isa.

12Namni yaada garaa isaa yoo geddarachuu dhabaate, Waaqayyo billaa isaa in qarata, iddaa isaas dabsee, jabeessee, ol in fudhata*;

13inni mi'a ajjeesu kana ol itti in fudhata, xiyya boba'aa adeemus itti in qopheeffata.[16]

14Kunoo namni jal'aan hamaa garaa isaatti in yaada, jal'ina kanas in ciniinsifata, wallaalchisas bakkeetti in baasa.

15Inni boolla gad fageessee warra kaaniif in qota, ofuma isaatii immoo isa keessa in bu'a*.

16Hamaan inni gochuuf yaade mataa isaatti gara in gala, wanti inni humnaan nama irratti hojjetes gubbee isaa irratti in bu'a.[17]

17Ani qajeelummaa isaatiif jedhee Waaqayyoof galata nan galcha, maqaa Waaqayyoo aabbaas faarfannaadhaan nan jajadha.

icle>