1Yaa Waaqayyo, dafii na oolchi, yaa Waaqayyo, na gargaaruudhaaf ariifadhu!
2Warri jireenya koo balleessuu barbaadan, haa yeella'an, haa qaana'anis! Warri hamaan ana argachuutti gammadan, gara booddee deebi'anii haa salphifaman!
3Warri ?Baga, baga? anaan jedhan, qaana'anii gara booddeetti haa deebi'an!
4Warri si barbaadan hundinuu garuu, isaanitti haa tolu, sittis haa gammadan! Warri fayyisuu kee jaallatanis utuu gargar hin kutin, ?Waaqayyo guddaa dha!? haa jedhan!
5Waa'ee koof yoo ta'e garuu, ani gadadamaa dha, dhabaa dhas, ariifadhuu na bira ga'i, yaa Waaqayyo! ati gargaarsa koo ti, furii koo tis, yaa Waaqayyo, egaa hin turin!