MACAAFA FAARFANNAA 71:1-24 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati yoom iyyuu akka ani hin yeellaasifamne godhi!

2Ati qajeelummaa keetiin kana jalaa na baasi, na oolchis! Gurra kee gara kootti qabi, na gargaaris!

3Yeroo hundumaa akkan itti deddeebi'utti, ati kattaa ani itti galee jiraadhu anaaf ta'i! Ati kattaa koo fi masaraa koo waan anaaf taateef, ana fayyisuudhaaf abboomteetta*.[242]

4Yaa Waaqayyoo ko, harka nama jal'aa keessaa, qabaa nama dalgifamaa, nama humnaan nama irratti hojjetu keessaas ana baasi!

5Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ati abdii koo ti, ati mucummaa kootii jalqabdee amanannaa koo ti!

6Garaa haadha koo keessaa situ na baase, dhalachuu kootii jalqabee sitti irkadheera; yeroo hundumaas sin jajadha*.

7Ani namoota baay'eedhaaf nama dinqiin kee irratti mul'atun ta'e; ati immoo isa humna-qabeessa ani kooluu itti galuu dha.

8Ani afaan guutee sin jaja, guyyaa guutuus ulfina kee nan hima.[243]

9Bara dullumaatti ana hin gatin, yeroo humni koo dhumus ana hin dhiisin*!

10Diinonni koo waa'ee koo in dubbatu, warri riphanii jireenya koo balleessuu barbaadanis, walii wajjin anatti in koratu;

11isaan, ?Waaqayyo isa dhiiseera, kan isa oolchu hin jiru, duukaa bu'aa qabaa? in jedhu*.[244]

12Yaa Waaqayyo, ana irraa hin fagaatin, yaa Waaqayyoo ko, ana gargaaruudhaaf ariifadhu!

13Warri diina anatti ta'an haa yeellaasifaman, haa dhumanis, warri miidhama koo barbaadanis arrabsoodhaaf salphina haa uffatan!

14Ani garuu ittuma fufeen si eeggadha, isa ani ittiin si jajadhu hundumaas ittan caalchisa.

15Afaan koo qajeelummaa kee in dubbata, lakkoobsa gochaa kee yoon hubachuu dhabaadhe iyyuu, fayyisuu kee guyyaa guutuu nan hima.

16Yaa Waaqayyo gooftaa, hojii aangoo kee ol fuudhuudhaaf nan dhufa; qajeelummaa isa kan keetii duwwaas jajuudhaan nan yaadadha.

17Yaa Waaqayyo, mucummaa kootii jalqabdee ati ana barsiifteetta; ani immoo amma iyyuu gocha kee isa dinqisiisaa nan labsa;

18irree kee dhaloota amma jirutti, aangoo kees dhaloota dhufu hundumaatti hamman himutti, dulloomee mataan koo harrii yoo ta'e illee, ati ana hin dhiisin, yaa Waaqayyo*!

19Qajeelummaan kee baay'isee ol ka'aadha, yaa Waaqayyo! Ati wanta gurguddaa hojjetteetta, yaa Waaqayyo, kan akka keetii eenyu ree?

20Ati dhiphina baay'ee fi hammina anatti argisiifteetta, deebitees ana in jiraachifta; boolla lafaa isa gad fagoo keessaas deebiftee ol na fidda*.

21Ati baay'ee ana in guddifta, deebiftees ana in jabeessita.[245]

22Anis immoo amanamummaa keef kiraaraan sin galateeffadha, yaa Waaqayyoo ko! Maseenqoodhaanis sin faarfadha, yaa qulqulluu isa kan Israa'el!

23Yeroo ani faarfannaadhaan si jajadhu, afaan koo, lubbuun koo isheen ati furtes, sagalee gammachuu haa dhageessisan!

24Warri miidhama koo barbaadan yeella'anii waan qaana'aniif, arrabni koos immoo guyyaa guutuu waa'ee qajeelummaa kee haa dubbatu!

ticle>