1 Yaa Waaqayyo, ati maaliif raawwattee nu gatta? Hoolota tika kee jala jiran irrattis, dheekkamsi kee maaliif boba'a*?
2 Waldaa kee isa durii durii jalqabdee kan kee godhatte, isa gosa dhuunfaa kee godhachuudhaaf furte, tulluu Xiyoon isa iddoo buufata kee godhattes yaadadhu*!
3 Diinni waanuma mana qulqullummaa keessa jiru balleesseera, faana kee gara isa diigamee akkasitti hafe kanaatti qajeelfadhu*![255]
4 Warri si irratti ka'an iddoo walga'ii isa kan keetii keessa lixanii bookkisaniiru, milikkita ofii ittiin beekamanis dhaabbataniiru;
5 akka namoota qottoowwan isaanii mukeetii gobbuu irratti ol fudhatanii, isaanis ofii isaaniitii kanaan in beekaman.
6 Achumaanis muka isaa isa bifa qiqqirixamaa argisiisu, walitti qabaa isaa qottoodhaaf burruusaan kukkutanii in caccabsan.
7 Iddoo kee isa qulqullaa'aatti ibidda naqan, iddoo buufata maqaa kees lafatti dabalanii xureessan*.
8 Garaa isaaniittis, ?Walitti qabaa isaanii lafa irraa in balleessina? jedhan; biyya sana keessaa iddoo itti wal ga'an isa kan Waaqayyoo hundumaa in guban.[256]
9 Nuyi milikkitoota garaa garaa achi nuuf kaa'aman hin arginu, raajiin tokko illees hin jiru, kun hamma yoomiitti akka turu immoo, nu keessaa namni beeku hin jiru.
10 Hamajaajiin hamma yoomiitti arrabsa, yaa Waaqayyo, diinni hamma bara baraatti maqaa kee haa tuffatuu ree?
11 Ati maaliif harka kee deebifatta? Harka kee mirgaa hiikkadhuu lafa irraa isaan balleessi!
12 Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo mootiin koo kan durii durii ti, irra lafaa keessattis gocha fayyisuu isaa hundumaa in raawwata.
13 Ati aangoo keetiin galaana gargar hirtee, mataa bineensota akka jawwee galaanatti galaniis bishaan irratti in caccabsite*.
14 Ati mataa baay'ee isa kan lewaataan bineensicha guddichaa in hurreessite, isas bineensota lafa onaa keessa jiraataniif nyaata gootee in laatteef.
15 Ati burqituu fi yaatuun akka bubbisan in goote, laga takkaa hin gognes in gogsite.
16 Guyyaan kan kee ti, halkanis immoo kan kee ti, biiftuu fi ibsaa warra kaanis situ cimsee dhaabe*.
17 Daarii lafaa hundumaa situ dhaabe, bonaa fi gannas situ uume.[257]
18 Yaa Waaqayyo, diinni attam akka si arrabsu, sabni gowwaanis maqaa kee attam akka tuffatu yaadadhu!
19 Lubbuu warra kan keetii warra akka gugee, bineensa caakkaatti hin kennin; jireenya warra gadadamoo kan keetiis, bara baraan hin irraanfatin!
20 Biyyicha keessaa iddoowwan dhokannaa warri dukkanaa'on, humnaan nama irratti ka'uudhaan waan guutaniif, ati immoo kakuu kee yaadadhu!
21 Warri gadadamoonni qaana'anii akka deebi'an hin godhin! Warri gad deebi'anii fi warri dhaban maqaa kee haa jajatan!
22 Ka'i, yaa Waaqayyo dubbii kee falmadhu, warri gowwaan guyyaa guutuu akka si arrabsan yaadadhu!
23 Ati iyyuu hamajaajii keetii, caraanuu warra si irratti ka'anii isa yeroo hundumaa gara keetti ol ka'u hin irraanfatin!
Bible Society of Ethiopia