1Nuyi si galateeffanna, yaa Waaqayyo, nuyi si galateeffanna! Ati maqaa kee isa beekamaadhaan warra gocha kee isa dinqisiisaa himanitti dhi'oo dha*.[258]
2Waaqayyo, ?Yeroon murtoo godhee dhaabe sanatti, firdii qajeelaa nan kenna;
3lafti, warri lafa irra jiraatan hundinuus iddoo isaanii yommuu gad dhiisan, utuboota lafichaa jabeessee kan eegu ana? in jedha.
4Warra of jajaniin, ?Of hin jajinaa!? Warra jal'ootaanis, ?Gaanfa mataa keessanii irra-keessa hin qabatinaa!
5Gaanfa mataa keessanii ol hin qabatinaa! Morma yaafachuudhaanis hin dubbatinaa!? nan jedha.
6Nama ol qabuun ba'a-biiftuutii, lixa-biiftuutii, lafa duwwaatiis hin dhufu;
7firdii kan kennu immoo Waaqayyoo dha, isa tokko gad in deebisa, isa kaanis ol in qaba*.
8Waaqayyo xoofoo daadhii waynii makaa qabu isa hoomachaa'u of harkaa qaba; inni daadhii waynichaa isa firdiif kennamu irraa in buusa, jal'oonni lafa irra jiran hundinuu isa in dhugu, siicoo isaa wajjinis isa in xururfatu*.[259]
9Ani garuu bara baraan kana nan labsa, Waaqayyoon isa kan Yaaqoob faarfannaadhaan nan jajadha;
10inni mataa jal'ootaa hundumaa irraa gaanfa in cira, gaanfi mataa warra qajeelotaa garuu ol in qabama.