MACAAFA FAARFANNAA 79:1-13 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo, warri saba kee hin ta'in, isa ati dhuunfaa kee godhattetti galaniiru; mana qulqullummaa kee xureessaniiru; Yerusaaleminis lafatti dabalaniiru*;

2isaan, allaattiin qilleensa keessa balali'an reeffa hojjetoota kee, bineensi lafaas foon warra siif of kennanii, akka nyaataniif kennaniiruuf*.

3Naannoo mandara Yerusaalemitti, dhiiga isaanii akkuma bishaanii dhangalaasan, namni awwaalus hin argamne;

4nuyi saba ollaa keenya jiraniif muka ga'oo, warra biyya naannoo keenyaafis ceephoo fi tuffiidhaaf taaneerra*.[276]

5Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti akkas ta'a? Baruma hundumaa in aartaa ree? Hinaaftee dheekkamuun kees ittuma fufee akka ibiddaa in gubaa ree*?

6Saba lafa irraa warra si hin beekne irratti, mootummoota maqaa kee hin waammanne irrattis dheekkamsa kee dhangalaasi*!

7Isaanoo ijoollee Yaaqoob fixaniiru; qe'ee isaas onsaniiru*.

8Yakka abboota keenya warra durii nutti hin yaadatin! Nuyi mataa buufneerra, oo'a keetiin dafii nutti adeemi*![277]

9Yaa Waaqayyo isa fayyina nuuf laattuu, ulfina maqaa keetiif jedhii nu gargaari, maqaa keetiif jedhii nu oolchi, cubbuu keenyas nuuf dhiisi!

10Sabni lafa irraa, ?Waaqayyo isaanii eessa jira?? jechuudhaaf maaliif karaa argatu? Dhiiga hojjetoota kee isa dhangalaafameef, ija keenya duratti gumaa baasuun kee, warra saba kee hin ta'in irratti haa beekamu*!

11Aadnaan warra hidhamanii si bira haa ga'u, irree kee isa cimaadhaan warra du'i itti faradame ati hambisi![278]

12Yaa gooftaa, arrabsoo sabni ollaa keenyaa ittiin si arrabsan, harka torba godhii mataa isaaniitti deebisi*!

13Nuyi namoonni kee, warri tika kee jala jirru garuu, bara baraan si galateeffanna, dhalootaa hamma dhalootaattis jajuu kee in himna*![279]

ticle>