1Yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa! Maqaan kee guutummaa biyya lafaatti guddaa guddaa caalu attamii tii! Guddina kee bantiiwwan waaqaa irratti diriirsiteetta*.
2Warra si irratti ka'an deebisuudhaaf, diinaa fi isa ijaa baafatu gab gochuudhaafis, afaan mucoolii fi daa'imootaatiin, ati humna dhaabbatteetta*.[18]
3Ani gara bantiiwwan waaqa keetii warra harka keetiin hojjetamanii, gara ji'aa fi urjoota warra ati dhaabdee yeroon ilaalu,
4?Ati akka isa yaadattuuf namni maali? Ati akka isaaf dhimmituufis ilmi namaa maali?? jedhee nan gaafadha*.[19]
5Yaa Waaqayyo, kana keessaa immoo, xinnoodhuma ofii keetii gad isa goote, gonfoo guddinaa fi ulfinaa mataa isaa irra keesse*;
6hojii harka keetii hundumaa irratti isa moosifte, wanta hundumaas miillan isaa jala galchite*;
7bushaa'ee fi saawwan hundumaa, bineensota caakkaas akkasuma,
8simbirroota qilleensa keessa balali'an, qurxummiiwwan galaana keessaas, waanuma galaana keessa daandii baafatee deddeebi'us.[20]
9Yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa! Maqaan kee guutummaa biyya lafaatti guddaa guddaa caalu attamii tii!