MACAAFA FAARFANNAA 81:1-16 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo aangoo keenya waan ta'eef, ililchaa! Waaqayyo isa kan Yaaqoobitti gammaduu keessan dhageessisaa!

2Faarfannaa jalqabaa, dubbisa rukutaa, maseenqoo namatti toluu fi kiraara dhageessisaa!

3Baatii ji'aatti, goobana ji'aatti, guyyaa ayyaana keenyaattis fiinoo afuufaa*!

4Inni kun Israa'eliif seerrata, Waaqayyo isa kan Yaaqoob birattis, wanta qajeelaa ta'ee fudhatamee dha.

5Yeroo biyya Gibxi rukutuuf ba'e, inni abboommii isaaf dhugaa ba'u ijoollee Yoseef gidduu dhaabe; anis sagalee dur hin beekne tokko nan dhaga'e.[284]

6Innis, ?Gatiitii isaa ba'aa jalaa nan baase, harka isaas guuboo baachuu nan dhiisise*.

7Ati yeroo rakkinaatti in waammatte, ani immoo keessaa sin baase, golgaa duumessa kakawwee qabu keessaa siif dhaga'eera; bishaan morkii sana biratti si qoreera*.

8Dhaggeeffadhu yaa saba ko, ani waanan si gorsu qaba; yaa Israa'el, utuu anaaf dhageessee, attam gaarii dha!

9Waaqayyolii warra ormaa keessaa tokko illee si keessatti hin argamin, waaqayyolii warra kaaniifis hin sagadin*!

10Ani Waaqayyo gooftaa kee ti, anatu biyya Gibxiitii si baase; afaan kee as qabadhu, ani immoo siif nan guuta.[285]

11?Sabni koo garuu sagalee koo dhaggeeffachuu in dide, Israa'el yaada kootti galuu hin barbaanne*.

12Isaan mata-jabeeyyii akka ta'aniif nan dhiise; yaada isaanii isa qopheessan duukaas in bu'an.

13Sabni koo utuu anaaf dhaga'ee, Israa'el utuu karaa koo irra adeemee,

14silaa ani immoo diinota isaa salphaatti nan gugguufsisa, hamajaajii isaa irrattis harka koo nan gara galfadha.

15Warri Waaqayyoon jibban isaaf in gugguufu, yeroon isaaniis hamma bara baraatti kanumaan dhumuu isaa ti.

16Ani immoo qamadii isa caaluun sin soora, damma holqa kattaa keessaa ba'uunis sin quufsa? jedhe*.[286]

ticle>