1Waaqayyo walga'ii waaqaa keessa in dhaabata, waaqayyolii gidduuttis inni firdii in dabarsa*.
2Inni, ?Isin hamma yoomiitti jal'inaan faraddu? Hamma yoomiittis warra jal'ootaaf loogdu*?
3Warra dadhaboo fi warra abbaan irra hin jirreef dhugaa baasaaf, warra gadadamoo fi warra homaa hin qabne qajeeltootti ilaalaa*!
4Warra dadhaboo fi warra waan barbaachisaa dhaban furaa, harka warra jal'ootaa keessaas isaan oolchaa!? in jedha.[287]
5Isaan beekumsa yookiis hubannaa hin qaban, dukkana keessa in deddeebi'u; hundeen lafaa hundinuu raafamaa dha!
6Ani illee, ? ?Isin waaqayyolii dha, isin hundumti keessan ilmaan isa hundumaa gara irraa jiruu ti? jedhee dubbadheera*.
7Haa ta'u iyyuu malee, isin akka namootaa in duutu, warra gurguddoota keessaa akkuma isa tokkoos in kuftu? jedhe.[288]
8Saba hundumaa kan kee waan godhatteef, ka'i yaa Waaqayyo, biyya lafaaf firdii kenni!