1Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, iddoon buufata kee maal maal namatti tolaa!
2Lubbuun koo oobdii mana Waaqayyoo yaaddee in gaggabdi! Lubbuun koo fi foon koo Waaqayyo isa jiraataatti gammadanii in ililchu*.[291]
3Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, mootii koo Waaqayyo koos, iddoo aarsaa keetti dinbiitiin illee mana, girrifnis mann'ee cuucota ishee keessa kaa'attu argatte;
4warri mana kee keessa jiraatanii, yeroo hundumaas jajuu kee faarfatan haa gammadan*![292]
5Namoonni gara mana keetti adeemuu garaa keessaa qabaatanii si biraa humna argatan, haa gammadan*!
6Isaan yeroo dachaa gogee nama boosisu keessa adeeman, iddoo sana lafa bishaan burqu in godhatu; bokkaan inni dura roobus eebba isa irra in diriirsa*.
7Isaan caalaa humna godhachaa in adeemu, tulluu Xiyoon gubbaatti fuula Waaqayyoo duratti in argamu.[293]
8Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, kadhata koo anaaf dhaga'i, yaa Waaqayyo isa kan Yaaqoob, gurra kee as qabi!
9Yaa Waaqayyo, gara gaachana keenyaa ilaali, fuula isa dibdee moosiftees ilaali*![294]
10Iddoo biraa guyyaa kuma tokko ooluu irra, oobdii kee keessa guyyaa tokko ooluu wayya; godoota jal'inaa keessa taa'uu koo irra, balbala mana Waaqayyo koo dura ijaajjuu nan fo'adha*.
11Waaqayyo gooftaan biiftuu dha, gaachanas; inni ayyaana, ulfinas in kenna; gooftichi wanta gaarii ta'e warra balleessaa malee deddeebi'an duraa hin hambisu*.
12Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, namni si amanatu gammachuu attamii qaba![295]