2saba keef yakka isaa dhiifteettaaf,cubbuun isaanii hundinuusdeebi'ee akka hin mul'anne gooteetta.
3Finiina dheekkamsa kee hundumaa irraa deebifteetta,aarii kee isa boba'us dhiifteetta.
4Yaa Waaqayyo isa fayyina nuuf laattuu,iddootti nu deebisi;nutti gadduun kee haa hafu!
5Ati bara baraan nutti dheekkamtaa ree?Aaruu kees dhalootaa hamma dhalootaatti itti fuftaa ree?
6Sabni kee akka sitti gammadutti,deebitee lubbuu nutti hin deebiftuu ree?
7Gaarummaa kee nu argisiisi, yaa Waaqayyo,gargaarsa kee isa fayyisu nuuf kenni!
8Wanta Waaqayyo dubbatu dhaggeeffachuu nan barbaada;sabni isaa warri isaaf of kennan,gara gowwummaatti hin deebi'in malee,gooftichi nagaa isaanitti in dubbata*.
9Dhuguma iyyuu fayyisuun isaawarra isa sodaataniif dhi'oo dha;kanaaf ulfinni biyya keenya keessa in buufata.[296]
10Gaarummaanii fi amanamummaan wal in argu,qajeelummaa fi nagaan wal in dhungatu.
11Amanamummaan lafa keessaa in biqila,qajeelummaan waaqa keessaa gad in ilaala*;
12dhugumaan Waaqayyo waan gaarii in kenna,lafti keenyas midhaan in baasa*;
13qajeelummaan fuula gooftichaa dura in adeema,faanni isaas isa duukaa in qajeela*.[297]