MACAAFA FAARFANNAA 87:1-7 GAZB1997 - Bible AI

1Mandarri Waaqayyo hundee ishee kaa'e, tulloota qulqullaa'oo gubbaa in dhaabatti;

2Waaqayyo iddoo buufata Yaaqoob hundumaa caalaa mandara Xiyoon karra ishee wajjin in jaallata.

3Yaa mandara Waaqayyoo, wanti ulfina-qabeessi waa'ee keef in dubbatama;

4?Rahaab-Gibxii fi Baabilonin warra ana beekanitti nan lakkaa'a, ilaa, warri Filisxiyaa, warri Xiiroos, warri Itiyoophiyaas akka warra achitti dhalataniitti fudhataman? in jedhama.

5Waa'ee Xiyooniifis, ?Namni kun, namni sunis, ishee keessatti in dhalate, aabba inni hundumaa gara irraa jirus jabeessee ishee dhaabeera? in jedhama.

6Waaqayyo maqaa saba lafa irraa yeroo caafus, ?Warri kun achitti dhalatan? in jedha.

7Warri faarfatanii fi warri weeddisaa naanna'an, ?Wanti hundinuu si biraa anaaf in burqa? jedhanii wal jalaa in qabu*.[302]

icle>