MACAAFA FAARFANNAA 88:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo gooftaa ana fayyiftuu, guyyaa gara keetti nan iyyadha, halkanis fuula kee duratti nan wawwaadha.

2Kadhanni koo si bira anaaf haa ga'u, ati immoo gurra kee gara boo'icha kootti qabi!

3Lubbuun koo rakkina quufteetti, jireenyi koos boolla lafa jalaa isa gad fagootti dhi'aateera.

4Ani warra gara boollichaa dhaqanitti nan lakkaa'ame, akka nama humna hin qabnees nan ta'e;

5ani akka nama warra du'an keessatti gatamee, akka isa waraanamee awwaala keessa ciisuu, akka warra ati deebitee hin yaadannee nan ta'e; eegumsi harka kee isaan kana irraa citeera*.

6Ati boollicha gara jalaa keessa, iddoo dukkanaa'aa fi gad fagoo keessa na buufte.

7Dheekkamsi kee ulfaatee ana irra in ciisa, dha'aa kee hundumaas ana irra dambaliisifte*.[303]

8Firoonni koo akka ana dhi'eessan, ani immoo isaanitti wanta nama jibbisiisu akkan ta'u gooteetta; akka ani jalaa hin baanettis balballi anatti cufameera*.

9Gadduu koo irraa kan ka'e iji koo dadhabaa in adeema, guyyuma guyyaatti ani sin waammadha, yaa Waaqayyo! Harka koo gara keetti nan diriirsa.[304]

10Ati warra du'aniif dinqii hojjettaa ree? Yookiis ekeraan si jajuuf in ka'uu ree?

11Awwaala keessatti gaarummaan kee, lafa badiisaattis amanamummaan kee in himamaa ree?

12Hojiin kee inni dinqisiisaan dukkana keessatti, yookiis qajeelummaan kee biyya wanti hundinuu itti irraanfatame sanatti in beekamaa ree*?[305]

13Ani garuu yaa Waaqayyo, gargaarsaaf gara keetti nan iyyadha, ganamas kadhanni koo si duratti in dhi'aata.

14Yaa Waaqayyo, maaliif of irraa na fageessita? Fuula kees maaliif ana duraa dhoksita?

15Ijoollummaa kootii jalqabee gadadamaa, du'attis kanan dhi'aadhee dha, naasisuu kee baadhee, waanan godhu wallaaleera.

16Dheekkamsi kee inni boba'aan na irra bu'eera, naasisuun kees badduu na baaseera.

17Isaan guyyaa guutuu akka lolaa na marsan, gara hundumaanis naanna'anii karaa anatti in cufan.

18Jaalalleen koo fi firoonni koo akka ana irraa fagaatan in goote, ammas dukkana duwwaatu hiriyaa koo ti!

ticle>