MACAAFA FAARFANNAA 89:1-52 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo, yeroo hundumaa waa'ee gaarummaa kee isa baay'ee nan faarfadha, amanamummaa kee dhaloota hundumaatti afaan kootiin nan labsa.

2Ani, ?Gaarummaan kee bara baraan jabaatee dhaabate, amanamummaa kees akka bantiiwwan waaqaa jabeessiteetta? jedhee nan dubbadha*.

3Ati immoo, ?Isa ani fo'adheef kakuu galeera, Daawit garbicha kootiif kakadheera*;

4?Sanyii kee bara baraan nan jabeessa, dhalootaa hamma dhalootaattis teessoo kee nan dhaaba?? jetteetta*.[306]

5Bantiiwwan waaqaa hojii kee isa dinqisiisaa, walga'iin qulqullootaas amanamummaa kee in jajatu, yaa Waaqayyo*!

6Waaqayyoon kan qixxaatu duumessa gara irraa eenyutu jira? Warra bantii waaqaa irra jiran keessaas kan akka Waaqayyoo eenyu ree*?

7Waaqayyo walga'ii qulqullootaa keessatti guddaa sodaatamaa dha, warra naannoo isaa jiran hundumaa gara irraa jira, guddaa sodaachisaa dhas.[307]

8Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, kan akka keetii eenyu ree? Yaa gooftaa, ati aango-qabeessa, amanamummaan kees si naanna'ee jira.

9Bokoka galaanaa irratti situ gooftummaa qaba, dha'aan isaa yommuu ol ka'us situ gab godha*;

10Rahaab jawwee galaanaa sana, akka wanta qalameetti lafatti tumte; aangoo irree keetiin diinota kee bittimsite*.

11Waaqichi kan kee ti, lafichis immoo kan kee ti, biyya lafaa, wanta isa keessa guutes situ achi kaa'e*.

12Gara bitaa fi gara mirgaa situ uume, tulluun Taaborii fi tulluun Hermoon maqaa keetti in ililchu.

13Irreen jabina qabu kan kee ti, harki kee jabaa dha, harki kee mirgaa ol kaafamaa dha;

14teessoon kee qajeelummaa fi dhugaa irra dhaabate, gaarummaanii fi amanamummaan si dura in adeemu*.[308]

15Sabni sagalee gammachuu dhageessisee beeku haa gammadu! Isaan ifa fuula kee irraa ifu keessa in deddeebi'u, yaa gooftaa!

16Isaan guyyaa hundumaa maqaa keetti gammaduu isaanii in dhageessisu, qajeelummaa keetiin ol in kaafamu.

17Ati guddina jabina isaanii ti, tole nuun jechuu keetiin gaanfa mataa keenyaa ol in qabda.

18Gaachanni keenya kan Waaqayyoo ti, mootiin keenyas kan qulqulluu Israa'el*.[309]

19Baras isa siif of kennetti mul'atatti itti dubbattee, ?Ani gargaarsa koo isa jagna tokkotti kenneera, isa saba keessaa fo'ame tokkos ol qabeera;

20Daawit garbicha koo argadhee, dibata koo isa qulqulluudhaan isa dibeera.

21Harki koo cimsee isaa wajjin jira, irreen koo immoo isa in jabeessa;

22diinni isa gabbarsiisuu hin danda'u, namni jal'aanis gad isa hin qabu;

23warra isa cunqursan fuula isaa duratti nan caccabsa, warra isa jibbanis lafaan nan dha'a;

24amanamummaan koo fi gaarummaan koo isaa wajjin jiru, maqaa kootiinis gaanfi mataa isaa ol in ka'a.

25Galaana harka isaa jala, lagootas harka isaa mirgaa jala nan galcha.

26Inni, ?Ati abbaa koo ti, Waaqayyo koo ti, ati kattaa isa ani itti baqadhee ooluu dha? jedhee ana in waammata.

27Ani immoo angafa, isa mootota lafa irraa caalu, isa nan godha.

28Gaarummaan koo bara baraan isa bira akka jiraatuuf nan eega, kakuun ani kakadhe isaaf amanamee in jiraata.

29Sanyii isaa bara baraan, teessoo isaas hamma bantiiwwan waaqaa jiranitti jabeessee nan dhaaba.

30?Ijoolleen isaa garuu seera koo yoo dhiisan, akka isa ani qajeelchee dhaabeetti yoo jiraachuu dhabaatan,

31seerrata koo yoo xureessan, abboommii koos yoo eeguu dhabaatan,

32irra-daddarbaa isaanii uleedhaan nan adaba, yakka isaaniitiifis isaan nan dhaana.

33Garuu gaarummaa koo isa irraa hin deebisu, amanamummaan koos kan sobaa hin ta'u.

34Kakuu koo hin cabsu, dubbii afaan koo keessaa ba'es hin diddiiru.

35Ani takkaa qulqullummaa kootiin kakadheera, matumaa Daawitin hin sossobu.

36?Sanyiin isaa, bara baraan in jiraata, teessoon isaas hamma biiftuun fuula koo dura jirtutti in tura;

37inni akka ji'a ishee dhuga-baatuu amanamtuu duumessa keessaa, bara baraan jabaatee in dhaabata?? in jette.

38Amma garuu isa dibdee moosiftetti in dheekkamte, isa in tuffatte, in gattes;

39kakuu isa garbicha keef dhaabde in diigde, gonfoo isaa lafatti darbattee, duraa xureessite.

40Masaraa mandara isaa hundumaa in jigsite, marsaa isaas in diigde;

41warri achiin darban hundinuu isa in saamu, olloota isaafis muka ga'oo in ta'a.

42Warri isa cunqursan akka harka fudhatan goote, diinota isaa hundumaas in gammachiifte.

43Arfii billaa isaa in gara galchite, adda lolaa akka inni hin dhaabannes in goote;

44surraa isaa isa irraa fixe, teessoo isaas lafatti darbatte;

45bara dargaggummaa isaa duraa gabaabsite, yeelloos itti uffifte*.[310]

46Kun hamma yoomiitti ta'a, yaa Waaqayyo? Ati raawwattee of dhoksitaa ree? Dheekkamsi kees akka ibiddaa haa boba'uu ree*?

47Barri jireenya koo gabaabaa ta'uu isaa yaadadhu, ilmaan namaa kan akkasumaanii gootee uumte!

48Nama ta'ee jiraatee, utuu hin du'in kan hafu eenyu? Qabaa iddoo lafa jalaa keessaas, eenyutu lubbuu isaa oolfachuu danda'a?[311]

49Baay'inni gaarummaa kee durii, inni ati amanamummaa keetiin Daawitiif kakatte, meerree ree yaa gooftaa?

50Ani garbichi kee muka ga'oo ta'uu koo, isa ani saba baay'ee kana hundumaaf danda'uudhaan yaadadhu, yaa gooftaa!

51Ga'oo diinota kee yaa gooftaa, isa ati dibdee moosiftettis, lafa inni dhaqutti itti baacuu isaanii yaadadhu!

52Maqaan Waaqayyoo bara baraan haa eebbifamu! Ameen! Ameen*![312]

ticle>