MACAAFA FAARFANNAA 9:1-20 GAZB1997 - Bible AI

1Garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha yaa Waaqayyo! Gocha dinqisiisaa ati goote hundumaas nan hima*.

2Ani sitti nan gammada, nan burraaqas; maqaa kees faarfannaadhaan nan jajadha, yaa aabba!

3Kunis diinonni koo gara booddee isaanii waan deebi'aniif, kufaniis fuula kee duraa waan balleeffamaniif;

4ati dubbii koo ilaaltee anaaf faraddeetta, abbaa firdii isa qajeelaa waan taateef, barcuma firdii irra teesseetta.[21]

5Ati saba lafa irraa hundumaa ifattee, warra jal'ootas balleessitee, maqaan isaaniis yeroo hundumaa baruma baraan akka hin yaadatamne in goote.

6Diinonni bara baraan caccabanii dhumaniiru, ati mandaroota isaanii iddoodhaa balleessiteetta, seenaan isaaniis badeera*.[22]

7Waaqayyo immoo bara baraan teessoo isaa irra jira, barcuma firdii isaas jabeessee dhaabateera.

8Inni biyya lafaa qajeelummaadhaan in seerrata, saba hundumaafis firdii qajeelaa in kenna*.

9Waaqayyo, warra gad qabamaniif da'oo ol jedhaa dha, isaan yeroo rakkinaatti da'oo isa in godhatu.[23]

10Yaa Waaqayyo, warri maqaa kee beekan kooluu sitti in galu, ati warra si barbaadan hin ganne'o.

11Waaqayyoon isa Xiyoon irra teessoo isaa dhaabate faarfannaadhaan jajadhaa! Hojii isaa hundumaas saba lafa irraatti labsaa!

12Inni dhiiga dhangala'eef gumaa baasu, warra gadadamoo in yaadata, wawwaannaa isaaniis hin irraanfatu*.[24]

13Yaa Waaqayyo anaaf oo'i! Gadadamuu koo isa warra na jibban biraa anatti dhufe ilaali! Afaan boollaa irra yoon ga'e iyyuu, ati ol na deebisi*!

14Yommus ani waanan ittiin si jajadhu hundumaa karra Xiyoon keessatti nan hima, na gargaaruu keetiifis walga'ii ijoollee ishee duratti guddaa nan gammada*.

15Sabni lafa irraa boolla ofii isaaniitii qotanitti gad in liqimfaman; kiyyoodhuma dhoksaniinis miilli isaanii in qabame*.

16Waaqayyo, firdii kennuu isaatiin of beeksise, namni jal'aan waan harka isaatiin hojjeteen in korokkodame. [Sagalee mi'a ribuu qabutu gidduutti dhageessifame.][25]

17Warri jal'oonni gara iddoo lafa jalaatti gad haa bu'an, lafa irraa warri Waaqayyoon irraanfatanis akkasuma gad haa lixan.

18Warri wanta barbaachisaa dhaban, irraanfatamanii hin hafan, abdiin warra gadadamoos bara baraan hin badu*.

19Yaa Waaqayyo, humni namaa harka akka hin fudhannetti, ati ka'i! Sabni lafa irraa si duratti firdii akka fudhatan godhi*!

20Yaa Waaqayyo, sabni lafa irraa namootuma foon uffatan duwwaa ta'uu isaanii akka beekaniif, ati pherpheramuu isaanitti fidi![26]

icle>